www.maledatimes.com በጅግጅጋ ዩኒቨርሲቲ የኦሮሞ ተወላጅ በሆኑ መምህራን ላይ የተፈፀመው በደል – ከራሳቸው አንደበት! - MALEDA TIMES
Loading...
You are here:  Home  >  Addis Admas  >  Current Article

በጅግጅጋ ዩኒቨርሲቲ የኦሮሞ ተወላጅ በሆኑ መምህራን ላይ የተፈፀመው በደል – ከራሳቸው አንደበት!

By   /   October 5, 2017  /   Comments Off on በጅግጅጋ ዩኒቨርሲቲ የኦሮሞ ተወላጅ በሆኑ መምህራን ላይ የተፈፀመው በደል – ከራሳቸው አንደበት!

    Print       Email
0 0
Read Time:8 Minute, 26 Second

የአዲስ አድማስ ጋዜጣ ባለፈው ሳምንት “ከ60 በላይ የጅግጅጋ ዩኒቨርሲቲ መምህራን “ከለላ ይሰጠን” አሉ” የሚል ዘገባ ማቅረቡ ይታወሳል። በጉዳዩ ዙሪያ የተጠየቁት የትምህርት ሚኒስቴር ኃላፊ አቤቱታው ቀርቦላቸው እንደነበር ገልፀው ከመምህራኑ ጋር በመወያየት ወደ ስራቸው እንዲመለሱ “መስማማት” ላይ መደረሱን ዘገባው ያስረዳል። ነገር ግን፣ መምህራኑ ያቀረቡት “ለደህንነታችን እንሰጋለን” የሚል አቤቱታ ሚኒስቴር መስሪያ ቤቱ ከመምህራኑ ጋር በሚያደርገው ውይይት የሚፈታ አይደለም። ምክንያቱም፣ 60 የዩኒቨርሲቲ መምህራን መንግስት ከለላ እንዲያደርግላቸው የሚጠይቁበት ምክንያት ከዚህ ቀደም በደህንነታቸው ላይ የተቃጣው አደጋ ስለነበረ ወይም ደግሞ በቀጣይ ጥቃት ይፈፀምብናል የሚል ስጋት ስላደረባቸው ነው።

ጅግጅጋ ዩኒቨርሲቲ

ስለዚህ ትምህርት ሚኒስቴር ሆነ የጅግጅጋ ዩኒቨርሲቲ በጉዳዩ ላይ ከሰጡት አስተያየት በተጓዳኝ፣ ጥያቄውን ያቀረቡት መምህራን በጉዳዩ ላይ ሃሳብና አስያየት መስጠት አለባቸው። በዚህም ሕዝቡም ሆነ መንግስት በጅግጅጋ ዩኒቨርሲቲ ያለውን ነባራዊ ሁኔታ በአግባቡ አውቆ ለጥያቄው በተገቢው ሁኔታ ምላሽ እንዲሰጥ መምህራኑ በተግባር የታዘቡትንና ከመንግስት ከለላ የጠየቁበትን የደህንነት ችግር በዝረዝር ማወቅ ያስፈልጋል። በዚህ መሰረት መምህራኑን በማነጋገር በጉዳዩ ላይ ሃሳብና አስተያየት እንዲሰጡ ጠይቀናቸው ነበር። እነሱም ከጅግጅጋ ዩኒቨርሲቲ፣ ትምህርት ሚኒስቴር እስከ ኦሮሚያ ክልላዊ መስተዳደር ድረስ ያለፉበትን ውጣ-ውረድ በዝርዝር የሚያስረዳ ፅሁፍ በኦሮምኛ ቋንቋ በመፃፍ ለEthio-think-thank ድረገፅ ልከዋል። እኛም ፅሁፉን እንደወረደ ለአንባቢያን አቅርበንዋል።


RAAGAALEE BU’UURAA KAN RAKKOO UMMATA OROOMOO MAGAALAA JIGJIGAAFI NAANOO ISHEE IRRAA GA’EE MUL’ISU.

IRRA GUDDEESSAN KAN BARSIISOTAA FI HOJJETTOOTA BULCHIINSAA YUUNIVERSITII JIGJIGAA KAN FULBAANA 02-09/2010

I. Ragaa Walii galaa

Akkuma beekaamu lolaa dangaa irratti banamee jiru ilaalchisuudhaan rakkoon aadda addaa bahaa oromiyaa ,  jigjigaa fi naannoo ishiiitti mula’achuun isaa akka biyyatti ni beekama.  Keessummaayyuu gaafa fulbana 2/2010  irraa eegalee jiraattota oromoo kan magaalaa jigjigaa  (kellaa ykn ganda 07) jiratan irratti saamichaa, reebichaa fi qabeeyna barbadeessuun  jalqabeera.

Gaafa fulbaana 3/2010 ganama dafqaan bultoota oromoo kan bufaata konkolaata jigjigaa keessaa dalagan hundaa daguuganii konkolaataadhan fuudhatanii deemaniiru. Kana malees kanneen karaa irratti argaman hundaa reebuun gara mana hidhaatti guuraniiru, kana fan immoo konkolatadhan bakka hin beekamnetti guuratti turan. Kan du’anis hedduudha.

Guyyuma kana waaree booda immoo humni adda naannoo kanaa  mana irra naanna’uudhaan oromoon jiraa jedhaanii gaggaafachuu eegalan . Dargaggootni somaalii magagala jigjigaas bakka hundattii  oromoota irratti dhagaa darbachhu egaalanii jiran.  Fakkeenyaaf, konkolaataa nama du’e awaalanii bakka kidanemihret jedhamuu irra ddebi’uutti jiru caccabsuudhaan ummata saba biraallee dabalatee rebuudhaan adda tamsaasaniiru.

Hata’umalee nuti  barsiisotni oromoo kan jigjigaa yuuniversitii fi oromoonnii magaglaa jiraatan kun hanga ammattillee eegumsaa fi wabii tokkollee kan hin arganne tu’uu isaa bulchiinsii mootummaaa naannoo oromiyaaa beekuu qaba.

Kana malees eejjennoonifii ibsii mootummaan federaala kaaraa midiyaalee adda addatiin uumataf  ibsaatti jiru illee kan lafa hin geenyeefii gamaa motummaa somaleetiin hanga fuulbaana 8titti  hojiirraa kan hin oolleefi gochaan buqqisaanii arii’uullee kan itti fufe  ta’uusaa akka nuuf beektan barbanna.

Dabalataniis meeshaaleen keenya itti jiraannuu akka manca’ee, amileen hoji keenyaa fi jiruu keenyaallee kan bade ta’uu isaa isin hubachiisna.

Hunda ol nuti barsiisotniifi hojjettotni yegguu baqannutti bakka adda addatti kan rakkachaa jirufi maatiin keeny achitti afan illee rakoo gudda keessa akka jiran isin hubachiisuu barbanna.

II. Armaan gaditti taatewwan rawwatan hundaa tokko tokkon ibsineera;

Fulbaana 3/2010

Ganama keessaa naannoo saa’a 4 irraa eegalee dargaggoonni fi milishootni somalee gurmaa,uudhaan mannee irraa naanna,uudhaan oromoota baasaati gadi kennaa jechaa dhagaa manarratti darba turan.

Kana ilaalchisees jiraattotni sablammotaa biro walitti qabamuun gara waajjira gandaa 06 deemuun yemmuu iyyatanitti, aangowwan/bulchinsi gandichaa dhimmi kun isiniin kan ilaallatu mitii oromoota isin walin jiruu dabarsati dargaggota kanaaf kenna jechuun deebi kennaniru.

Fulbaana 4/2010

-Barsiisaan qabamee reebameera, mataa isaatti shugguxii qajeelcuun gara mana hidhattis geefaammera. Boodarratti birmanna bulchiinsota yuniversitii jigjigaatiin fudhamee gara mooratti geefamuu danda’eera.

-Guyyuma kana  barsiisan oromoo hundinuu socho’uufi gadi ba’uullee waan hindandeenyeef qaamota yuniversitii hogganutti bilbilachuun magaala keesaa basanii gara mooraa yuuniversitichaattii akka nu fudhatan gaafachaatti turre. Kana booda galgala keessa sa’a 1:00 irraa eegalee konkolattotni yuniversiti jigjigaa magaala kessa nanna’uudhaan barsitottaafi maati isaani gara mooratti galchuu dhan dormii kennufin lubbuu isaani barareera. Kana keessaatti daa’immaniifi hadholee dabalatee nyaatafi uffata halkaniillee osoo hin qabatin rakkoo guudda keessa galaniiru.Qorrafi rooba ammatafis saaaxilamaniru.

Fulbaana 5/2010

  • – ganama yuuniversitichi cireebarattotaa iraaqoodun nu  nyaachisuu danda’eera,
  • -warren tikeeta xiyaara argataniifi immo hanga buufata xiyyaaratti geggessun kan gargaare ta’uuisaa,
  • -Guyyuma kana waaree booda sa’aa saadet irraa eegalee kiliniki barattoota mooraa keessaa jiruu haala hin beekamneeen gubachhuu yeroo eegalutti barsiisotnii walitti guuramanii Block itti aanuu keesa jiraan naassuufi dhiiphina guddaa keesaa kan galan ta’uu isaaa,
  • _ yerumaa sanatti humni baalaa ibiddaa waamamuun ibiddicha kan dhaamse ta’us, humni liyyuu policy somalee carra kanatti fayyadamuun mooraa kan seene ta’uu isaa,
  • -kana boodas akkumaa duraan shakkameetti barsiisota kunnin mati isaani walin dormii gadi dhiisanii akka ba’an erga godhanii booda, roobba cimaa ture keessaa da’ima isaanii walin dhoqqee irra tessisuun kilinika kana kan gube isin keesaa jiraa baasaa jechuun moobayila isaani irraa guuruun sodaachisaa gara mana hidhaatti guuruf yemmuu yaalannitti qaabni bulchiinsaa yuniversitichaa olaanaan bakka sanatti argamuun kadhaa guuddaa booda baraaruu danda’eera.
  • -yeroo barsisotni kun dhoqqee keessaa teessifamanii gaafatamaa jiruttis hojjettotnifi barsiisotni saba biraa kan yuunversitii jigjigaa hundii yeroo hojii baan sanattii foddaa konkolataa keesaan ilaala fi gaddaa turan. Kunimmoo gochaa suukkannesa barsisota ormomofi maati isaani irratti raawwatedha.
  • -Gochaan kunillee ammilee barsisota kana irrattii miidhaa guddaa kan fide ta’uun isaa ni beekama.

Fulbaana 6/2010

Guyya kana namoota isaanii gara dormii barsiisotni keessa jiraniitti erguun akka basasan gochuun barsiisota irratti soda guuddaa uumaniiru.

Magalaa keessa deemuunillee namoota mana nutti kiressee doorsisuun bakka jarri jiraan nutti himaa jechuun rakkisaa turaniiru.

Guyyuma kana barsiisonni fi hojjettotni bulchinsa  dura baqatanii finfinnee senan  gara waajjiraalee oromiyaa deemuun dhimma kana hubachiisaniiru.

Fulbaana 7/2010

Guyyaa kanas barsiisota manatti hafan barbaaduudhaan isiin oromootaa koottaa ba’aa jechuudhaan   Namoota saba biraa ta’an sodaachisaani qarshii akka kennanuf taasisani jiru.

Bakka barsiisota argachuu hin dandenyetti immoo mana isaan kessa turan cabsun samaniiru, maatii isaani achitti hafanis reebaniiru, boossisanirus…..

Fulbaana 8/2010

Hanga guyya kanaatti barsiistonni heedduun  xiyyaara fayyadamuun finfinnee seenuu  danda’aniru.

Barattoota mooraa sana keessatti hukkamsamani turanif yuniversitiin konkolaata mijeessuun gara magaala hararritti akka socho’aan  tasiseera.

Baqattootnii baqatanii finfinnee seenan kunniin gara waajjiiralee oromiyaa deemudhan galma’aanii iyyata isaanis ibsataniru. Battaluma sanattii koree lama hundeessuun tookko gara biiroo barnoota oromiyaa( Dr. Tolaa Bariisoo) tiifi tookko immoo gara Ministeera barnootatti (Dr.Samu’eel Kidaaneetti) deemmuudhaan haala nuti keessa jiruu fi kanaboodallee gara sanattii deebinee hojjechuu akka hin dandeenyeefi gara yuuniversitii oromiyaa keessa jiranuuttillee akka nu jijjiran iti himneerra.

Qaamni kunis qaamoota federalaa waliin mariyatee hatattaman deebii kennuuf  fulbaana 9/2010 tti beellama qabate ture..

Fulbana, 09/2010

Guyyaa kanatti ministerri barnootaafi qamootni olaanon DH.D.U.O waliin ta’uun deebii atattamaa kennuf akka toluuf jecha Bulchiinsaa Yuuniversitiicha keessaa itti aanaa presidaanti chaa kan ta’an obbo Sahala Hajii tifi kan gama paartii Ethiopia somale keessaa immoo gorsaa presidenti Naanoo sana kan ta’an Obbo Ummaar nama jedhaman affeerun isaani ni beekama. Yaadni gama yuuniversititin jirus kana booda eegumsiifi deggersi guuddan akka barsiisotaa buqqan kanaf  tasifamu ibsuun waada galun isaani ni beekama. Kan gama Paartii somaali immoo mootumman kana boodaa dhibbantaa dhibbaan (100%) nageenya naannoo sanaa ni mirkaneessaa jechuun dhaamsa qabatanii dhufan dabarsuun osoo daqiquma 15n illee hin turiin obbo Abdi Mohammad omar finfinnee waan dhufanif jecha isaan simachuuf nu dhiisanii ba’aniiru.

Bakka bu’an gama ministerera barumsaatii dhufan Dr.Samu’eel (Deta) nis yaaduma kanafi yada mumichi ministeera akka labsiitii dabarsee kan nageeyni naannoo sana ni mirkanaa, qaabni rakkoo kana uumes seeratti ni dhiyaata jedhuu guduunfuun nutti himan.

Kanatti aansudhanis gaaffii barsisaan rakkoo hawwasummaa, dinagdeefi nageenyaa waliin wal qabsiisun kaasefis Dr. Samu’eel dhimma isaani ol ta’ee waan ta’eef qaama ilaallatuu waliin dubbatanii deebii nuuf kennuuf koreen barsiisota keessa akka filatamuufi torban itti aanuutti akka isaan qunnamuu kallattii kaa’uun xumuranii ba’aniiru.

Fulbana, 15/2010

Guyyaa kana koreen barsisotaa gara Wajjira ministeera barnootaa deemudhaan yeroo gaafatuttii kabajamoon Dr. Tilaye (Ministeera) fi Dr. samu’eel waliin ta’uun yadaa jaarsummaafii gorsa fakkatu nuuf kenaniiru. Kan isaan jedhanis biyyi kun biyya Sirna Federalizimii tiin bultu waan taatef yoo rakkoon hagam jiraateyyuu nama kaminis ta’u barsiisaa bakka tokko irraa bakka biraattii jijiruun hin danda’amu. Yoo kun ta’ee sirnichi ifumaan ifatti diigamuu isaati nuun jedhan. Kanafis isin hundi bakkumaa jeequmsi jirutti deebitanii hojjettu, eegumsis gama mootumma somaaleeefi federaalatiin isinif godhama jechuun yaada isaanii kan namoomaa dhiisanii isaa kan siyaasa boriifi fuulduraa nuuf ibsuun isaanii abdii kan nu kutachiiseefi soodaa gudda kan nu keesaatti uume ture.

Yaaduma kana qabachuudhaanis guyyuma kana sa’a booda gara waajjira Mootummaa nannoo oromiyaa deemnerra. Bakka kanatti immoo dhimma iyyannoo ummataa kan ilaallatu biroo lakkofsa  107 yeroo seenuutti nagaa nu gaafachuun dhimma keenya nu gaafatani, nus waan uumame hunda boo’ichaa waliin itti himne. Kana boodas deebin isaan nuuf kennan bakkuma dhufnetti deebi’uu akka qabnuufi yoo ta’uu baate immoo bakka buufata uummanni buqqa’e e iitti gargaaramaa jirutti (Adaamaafi Harar) deemnee akka galmoofnu ture. Kanattis gaddudhaan gara obbo Lammatii nu dabarsaa yeroo jennutti isaanin argachuu akka hin dandeenye nuuf ibsaan. Kana booda nutis gargar facaanee.  kaan finfinneetti kaan immoo gara adda addaaitti.

Fulbaana 15-22tti 

Deebiin tookko illee, qarqaarsi tokko illee nuuf hin godhamnee, Hireen keenyas hin murtoofne

Har’a fulbaana 22 kanattis deebiin nuti karaa waajjira DH.D.U.O tin arganne inni dhumaa yoo jiraate,  rakkoo kana furuuf mootummaan naannoo Oromiyaa baayyee kan muddamee hojjechaatti jiru ta’uu isaatii. Haaluma kanannis barsiistonni baqanne (buqqaane) hundi Yuuniversitiidhumaa jigjigaatti deebi’uu akka qabnuu Dr. Abiyyii Ahimad dubataniiru. Kanuman wal qabatee dhimmi barattoota oromoo kan yuniversitii jigjigaa hanga ammatti deebii kan hin argatiniifi ministerri barnootaa marii irratti gochaa kan jiru ta’uun isaa ibsamera.

Guyyaa boris qaamonni federalaafi bulchitootni naanoo lammaani dhimma kanaf finfinneetti akka mariyatan odeffannoon ni jira.

Hubachiisa!

Xumura irratti barsiisotaafi barattoota oromoo kan yuuniversitii jigjigaa irratti soda guddaa kan ta’e haala yuuniversitichaa osoo hin taane haala magaalaafi naanno ishe keessatti ta’aatti jirudha. Nageeynii mooraa keessaa polisii federalatiin eegamuu danda’a, garuummoo ilaalchi amma yeroo kanatti uummata keesatti uumame sun kan uummaticha ibsu ta’uu batus madaafii jibbiinsa guddaa sammuu umatichaa kessatti kan uume ta’uun isaa shakkii kan hin qabnedha.  Nuti barsistonni kan jiraannu umata waliinidha. Kan barsiisnuus uumatuma sanafii sablammoota achi jiraatanudha.  Hanga tasgabiinifi nageenyi uummata gidduutti hin deebinettimoo nuf soda guddaadha.

Dhuma irratti jalqaba eegalee hanga har’atti hordoffiifi qarqaarsa yuniversitiin jigjigaa nuuf godheeef maqaa ummata oromootin fi keenyaan guddaa gudaa isaa galateefaanna.

Finfinnee, Fulbaana 22/2010

Happy
Happy
0 %
Sad
Sad
0 %
Excited
Excited
0 %
Sleepy
Sleepy
0 %
Angry
Angry
0 %
Surprise
Surprise
0 %
    Print       Email

Average Rating

5 Star
0%
4 Star
0%
3 Star
0%
2 Star
0%
1 Star
0%
<"Without the support of our readers, the Maleda Times website would not exist in its present form">

You might also like...

♦ “ ትክክለኛ ፍትሕ አይሰጡም” የተባሉት የጠቅላይ ፍርድ ቤት ዳኛ ከችሎት እንዲነሱ ተጠየቀ !

Read More →

This site is protected by wp-copyrightpro.com

%d bloggers like this:
Skip to toolbar